(Mulunee Tolasaa)
Obbo Aagawoo Dassuu dhalatanii kan guddatan Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa, Godina Oomoo Kibbaatti. Dhalataa sablammii Tsamaay yoo ta’an, bakka dhalootasaaniirraa bahanii daandii dheeraa wayita deeman kan baranaa kun isa jalqabaasaaniiti. Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummattootaa Saddeettaffaa Jigjigaatti kabajuuf Lixaa ka’anii Bahatti waan imalaniif imalli kun isaaniif ajaa’iba akka ta’e dubbatu.
Bakki dhaloota Obbo Aagawoo Finfinneerraa kiiloomeetira 800 ol akka fagaatu tilmaamu. Sababa kanaanis bakki isaan beekaniifi dacheen isaan eeran Oomoo Kibbaa qofa. Handaara biyyaatii ka’anii handaara isa faallaatti argamutti imaluusaaniitti maaltu akka ittidhagahame ittisiqeen gaafadhe. Isaanis hedduu gammaduusaanii naaf ibsan. “Garuu jedhan Obbo Aagawoon; garuu wantan taajjabe tokko si hindhoksu” naan jedhan.
“Maal laata” jedheen cimsee gaafadhe. “Sablammii Sumaalee Itoophiyaa arguu kootti gammadeera… garuu…” jedhanii afaan keessa qabatan. “Afachuu natti himaamee…” jedheen yaadasaanii dhagahuuf sardame. “Elaamee… obboleessaa…” jedhan; bakki jireenya hawaasa kanaa hedduu fagoodha”. “Eessa? Jigjigaatu Fagoodhaa?” jedheen irra deebiin gaafadhe. “Eeyyen” jedhan. “Mee yaadi… Guyyaa afur guutuu deemnee as geenyem…” naan jedhan.
Wayita kana ture egaa yaadi tasaa sammuukoo keessa kan deddeebi’e. Gaffii cimaa of gaafadheen deebiisaaf of dhiphisuun carraakoo ta’e. Gaaffii akkana jedhun of gaafadhe. “Obbo Aagawoo Oomoo Kibbaarraa dhufanii Jigjigaan fagoodha jedhan.
Dhuguma Jigjigaamoo Oomoo Kibbaatu fagoo jedhama? Hata’uutii Itoophiyaa keessaa bakki fagoon eessa? Hawaasi fagootti argamuwoo eenyu?” jedheen of gaafadhe. Gaaffichi tasa nama yaadeef gaaffii salphaa fakkaata. Anaaf garuu hedduu natti cimee naqoruunsaa hinoolle.
Gaaffii kana deebisuuf waa yaaduun dirqama. “Eessaa ka’anii yoo safaran?” isa jedhu. Naannawa Itoophiyaa kamiyyuu ‘Fagoofi Dhiyoodha’ kan jennu eessaa kaasnee safarreetu laata? Finfinnee, bakka teessuma moototaamoo Affaar bakka lafeen ilma namaa argamerraa? Adwaa bakka bilisummaan Afrikaa ittimirkanaa’erraamoo Madda Walaabuu bakka Rabbi afuurasaan nama tolcherraa? Aksum wiirtuu qaroomina Afrikaa bahaarraamoo Gondor buufata mootota hedduurraa?
Fageenya dachee Itoophiyaafi Itoophiyaanota eeruuf gaaffiin armaan olii deebi’uu qaba jedheen yaade. Gaaffii kana deebisuuf ammoo seenaa baruun, siyaasa hubachuun, lammummaa safeeffachuun dirqii ta’e.
Obbo Aagawoof Itoophiyummaan Oomoo Kibbaa jira. Kaan garuu isaaf fagoodha. Nama sablammii Sumaalee ta’eef ammoo Itoophiyummaan bahatti argama. Inni kaan lammii ta’ullee isaaf fagoodha. Lammii Benishaanguliifi Gaambeellaarraa dhufeef Itoophiyummaan lixatti dhiyaata, isa kaabarra dhufuuf ammoo Kibbi fagoodha. Kanaafuu kutaan Itoophiyaa tokko eessaa kaasee safaramuu qaba laata? Itoophiyummaanoo eessaa ka’ee cimaa deema?
Baroota bittaa darban keessa gaaffiin kun salphaa ture. Itoophiyummaan sirna cunqursaa gita bittootaarraa eegalaa waan tureef. Fageenyi kutaa biyyattiis safaramaa kan ture wiirtuu teessuma gitoota bittaarraa eegalee waan tureef.
Har’a hiikkoon lammummaa handhuura biyyattiirraa hineegalamu. Fageenyi Itoophiyummaas kiiloo meetiraan hinsafaramu. Lamaansaayyuu maddisaa tokko ta’ee waan jiruuf; laphee lammiiwwaniirraa akka eegaluuf barri waan dhufeef.
Har’a miirri Itoophiyummaa laphee lammiiwwanii keessaa burqa. Walqixummaan lammummaa waan mirkanaa’eefis fageenyi kutaa biyyattii bakka lammiileen jiranirraa eegala. Obbo Aagawoo kaleessa eenyummaasaaniitti qaana’aa turaniiru. Har’a garuu isaaniiff lammummaan Oomoo Kibbaa, Tsamaayirraa ka’a. Saba kaaniifis akkasuma. Fageenyi dachee bakka itti mirgi sabummaasaa kabajamerraa eegala.
Safarri Itoophiyummaafi hiikkoon lammummaa eenyummaarraa akka eegaluuf qabsoodhaan waan milkaa’eef. Saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii maraaf boroon qixxeetti waan bari’eef.
*******
*Bariisaa – March 2014
Leave a Comment