Abune Pheexiroos (Magarsa Badhaasa) Eenyu Ture? Dhuguma innii Oromoo dha?

''

(Argan Beekan) Bara 1875 Fichee Salaaletti maatii qote bulaa irraa dhalatan. Warri isaanii irraa dhalatanis gama abbaatiin warra Badhaasaa Guddaa jedhaman gama haadhaatiin ammoo warra Jaalee Masoo jedhamu. Maqaan isaanii jalqabaa Magarsaa akka ta’e himama. Ijoollummaadhanis gara kawaala Debre-Libaanos deemuudhaan baruumsa amantaa yeroo gabaabaa keessatti haala nama dinqisiisuun xumuruu danda’anu. […]