Haala Tibbanaa Oromiyaa

(Addisu Arega Kitesa)

Karaa marsaalee miidiyaa hawaasaatiin tibbana waamichi lagannaa gabaa guutuu Oromiyaa keessatti waamamaa turee jira. Waamicha kana bu’ uura godhachuun aanaalee Oromiyaan qabdu 315 keessaa aanaalee 29 fi Magaalota gurguddoo 4 keessaati lagannaan gabaa taasifamaa jira.

Lagannaa gabaa waamame kanaaf ajandaalee gurguddaa sadiitu akka sababaatti ka‘e. Isaanis Hoggantootni Paartii Siyaasaa OFC haahiikamani, Gibirri humnaa olii nurraa haaka’u , daangaan Oromiyaa haakabjamu kanjedhudha.

Dhimmootni akka ajandaatti ka’aa jiran kun ajandaa ka’uu malanidha. Sirni ijaaraa jirru sirna dimookraasii ti. Sirna kana keessatti ammo ummatni keenya waan itti dhagahamu karaa nagaatiin mormuuf, falmees mirga isaa deebifachuuf deemuun waan jajjabeeffamuuf aadaa taúu qabudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ka’umsa mormii ummata keenyaa bu’ura irraa dhaggeeffatee ummata waliin ta’ee furmaata fiduun dirqama isaati. Ajandaleen akka komiitti ka’aan mmaalirra jiru?

Photo – Addisu Arega, Oromia Communication Bureau

Hiikamuu hidhamtootaa ilaalchisee Mootuummaan Naannoo Oromiyaa dhiifamaaf bakka guddaa qaba. Dhiifama walii godhuun buuura waan hundaati jedhee amana. Dhiifama walii godhuun nageenya fida. Gamtaa fi wal jaalala cimsa.

Kanaafuu, hoggansi haaromsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara kana adabamtoota seeraa 22,000 ol ta’an dhiifama godhee qe’ee isaaniitti akka deebi’an taasisee jira.

Hoggantoota Paartii OFC ilaalchisee ,namootni kun to ‘annoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa jala akka hinjirre beekamuu qaba. Ta ‘us ji’oota lama dura waltajjii Magaalaa Naqamteetti geggeeffameen jaarsoliin biyyaa fi namootni bebbeekkamoon hoggantootni Paartii OFC akka hiikaman Muummicha Ministeeraa FDRI kab.

Obbo Hayilamaariyaam Dassalany cimsanii gaafatanii jiru. Isaansi dubbichi sirna isaa eeggatee akka ilaalmu kallattii ka’aanii jiru. Nutis raawwii kallatti kanaa eegaa jirra.

Komii Kaffaltoota gibiraa sadarkaa C ilaalchisee komoiin daldlatoota xixiqqaa sirnaan akka ilaalmu, dogogrri tilmaama galii guyyaa keessatti uumame sirnaan ilaalmee akka furmaata argatu MNO murteessee hojii irra oolchee jira.

Adeemsa hanga ammatti jiruunis Kaffaltootni gibiraa sadarkaa C 340,792 keessaa 242,266 (71%) gibira isaan irraa eegamu kaffalanii jiru. Kan hafanis yeroo gabaabaa keessatti kaffalu jedhamee eegama. Kanaafuu dhimmi kun ajandaa laguu gabaa ta’uu hindanda’u.

Dubbii nageenya daangaa ilaalchisee bara kana hojii guddaatu hojjetame. Akkuma beekamu Oromiyaan Naannoo Tigraayin alatti naannoolee hunda waliin waldaangessiti. Haalli bulchiinsa daangaa keenyaa rakkoo guddaa keessa akka jirus sochii haaromsa gadi fageenyaatiin addaan bahee jira.

Haaluma kanaan hojii bara kana hojjetameen daangaan Bulchiinsaa karaa Naannoo Benishaangul Gumuz, Gambeelaa, fi Amaara waliin idoowwan hin dangeffaminii fi ka’umsa walitti bu’uunsaa turan karaa ummata hirmachiseen akka daangeffamanii xumuraman taasifamee jira.

Naannoo sabaa fi Sab lammoota Ummatootta kibbaa waliinin dubbiin daangaa akka xumura argatu hojjetamaa jira. Ka’umsa walitti bu’iinsaa kan turee fi wareegama lubbuu hedduutiif sababa ta’ee kan ture daangaa Bulchiinsaa Naannoo Somaalee Itiyoophiyaa waliin jirus bu’uura riifarandamii bara 1997tiin daangessuun akka xumuramu hojjetamaa jira. Yeroo ammaa kanas hojiin daangessuu %75 ol raawwatamee jira.

Mootumman Naannoo Oromiyaa sirni ijaaraa jiru sirna dimookraasii waan ta’eef ummatni keenya komii fi qeeqa qabu hunda tooftaa qabsoo karaa nagaa kamiiniiyyuu fayyadamee dhiyeessuu danda’a jedhee amana. Qaamotni hawaasaa aanaalee fi magaalota addaa addaa keessatti komii qaban bifa lagannaa gabaatiin mulisanis mirga isaanii akka ta’e ni amana.

Ejjennoo isaanis nikabaja. Ta’us namni komii fi qeeqa qabu karaa lagannaa gabaatiin dhageessifachuun mirga isaa akkuma ta’e namni lagannaa keessatti hirmaachuu hinfeenes hirmaachuu dhiisuuf mirga guutuu qabu hubatamuu qaba.

Kanaafuu, adeemsa lagannaa gabaa taasifamaa jiru keessatti dhaabbilee daldalaa fi geejjibaa hojii idilee isaanii ittii fufan humnaan sukkaneessuu, “tarkaanfiin irratti haafudhatamu”jedhanii waamichaa dabarsuun dogogora guddaadha. Dhakaadhaan foddaa konkolaataa caccabsuu, boombii darbachuun namoota nagaa irrattii miidhaa qaqqabsiisuun nama sukkanneessuuf yaaluun, ‘yaada koo qofatu sirriidha’ jedhanii nama biraa irratti fe’eeuuf dee’muun gocha farra dimookra’asiiti.

Namoota hojii idilee isaanii geggeessan irratti “maaliif lagannaa gabaa keessatti hirmachuu didde’’jedhanii sodaachisuu fi sukkaneessuuf qaamota gochoota seeraan alaa keessatti hirmaatan irratti, MNO dirqama seera kabajichiisuu waan qabuuf tarkaanfii seeraa barbaachisaa kan irratti fudhatu ta’a.

*********

Guest Author: Guest Author
Related Post
Leave a Comment

This website uses cookies.