(Kiyya Hararghe)

Haasawa Kabajamoo Obbo Lammaa Magarsaa Pir. MNO Istaadiyoomii Wallaggaatti guyyaa ceesiisuu IMX Oromiyaa irratti taasiisanii fi eergaa ciimaa qabu akka ittii aanuu kanatti isiniif dhiheessen jira. (Waxxabajjii 04, 2009 – Naqamtee)

Isin gootonni misoomaa, hojii tuffatamee osoo hin tuffatin, hojjattanii, xaartanii, hojiidhaan jijjiiramuun akka danda’amu warra nu agarsiiftan waan taataniif, ummata keenyaaf, dargaggoota keenyaaf hojii fakkeenyummaa qabu hojjattanii jijjiiramuun akka danda’amu kan nu agarsiiftan waan taataniif carraa kanaan maqaa koo fi maqaa MNO’tiin kabajaa guddaan isiniif qabu ibsuun barbaada.

Akkuma hundi keenya hubannu, hojiin interpiraayizii maayikiroo fi xixxiiqqaa misoomaa fi guddina naannoo Oromiyaa keessatti gumaacha guddaa kan qabu tahuu isaa hubannee jirra. Hojiin kun hojii dargaggootaafiis tahee hojii dhabdootaaf carraa hojii uumuu qofa osoo hin tahiin burqaa abbootii qabeenyaas akka tahee hubannee jirra. Hojii kana jabaannee yoo hojjanne miliyenaroota miliyoonaan lakka’aman yeroo gabaabaa keessatti uumuu akka dandeenyu yaalii hanga ammattii goone irraa qabatamaan arguu dandeenyee jirra. Waan taheef, gara fuula duraatti hojii kana jabaannee fi cimsiinee hojjachuun baayyee barbaachiisaa fi murteessaa taha.

Hundi keenya akkuma hubannu, MNO haala hojimaata, caaseeffamaa fi raakkowwan raawwii interpiraayizii maayikiroo fi xixxiiqqaa keessa jiran foyyeessudhaan fi jijjiiruudhaan hojii kun jabaatee fi cimee akka ittii fufuuf kutannoo addaatii fi xiyyeeffannoo guddaa ittii keennee hojjachaa jirra. Sababiin isaas karaa dargaggoota abbootii qabeenyaa ittii taasiisuu dandeenyu, karaa dinagdee keenya gama invastimantidhaatti ittiin jijjiiru dandeenyu kallattiin innii tokko kana waan taheef kutannoo addaa taheen hojii jalqabneerra. Kana irraa ka’uudhaan dargaggoota Oromiyaa galaana tahee kana harkii isaa agabuu bulaa fi hojiidhaan wal arguu dhabee, qabeenyi guddaan hojii baldhaa jiru biraa hojii malee ta’aa ture kana baldhiinaan hojiitti galchuudhaaf halkaniif guyyaa hojjachaa jirra.

Photo - Lammaa Magarsaa
Photo – Lammaa Magarsaa

Akka waliigalatti ummaanni keenyaas tahe dargaggoonni keenya hawwiin keenya Oromiyaa badhaatee arguu dha. Hawwiin keenya guddaan fi hawwiin keenya hundaa Oromiyaa guddatte, Oromiyaa badhaatee arguu dha. Oromiyaan hawwiin qofaan guddachuu hin dandeessu, badhaadhuus hin dandeessu, humna ijoollee ishee, dafqa ijoollee ishee fi tumsa ijoollee ishee barbaaddi.

Waan taheef,

Sammuun keenya sammuu maseenee miti, sammuu yaaduu danda’uu, waan haaraa uumuu danda’uu dha. Harkii keenya harka maseenee miti, harka waan addaa hojjachuu danda’uu qabna. Lafti keenya lafa maseenee miti, lafa waan irra buufnee biqiilchee sanyii nuuf laachuu danda’uu dha. Kanaaf, dhugumaan Oromiyaa badhaatee argudhaaf harka wal qabannee tokkummaadhaan Oromiyaa ijaaruu qabna! Irree tokkoon Oromiyaa misoomsuu qabna! Tokko taanee tabba hiyyummaa waliin taanee haa diignuu, jabaannee haa hojjannuun jedha!

Fayyaa tahaa!

Ulfaadhaa!

*******

Guest Author

more recommended stories