Ibsa haala yeroo irratti Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kenname

Flag - Oromia region flag

Duudhaaleen waljaalalaa fi walkabajuun waliin jiraachuu ummataa cimee itti fufa!! Biyyaafi naannoo keenyatti sirnootni abbaa irree darban imaammataafi tarsiimoowwan isaanii ilaacha tarkaanfachisan irraa maddan hojiirra oolchaniin Ummanni keenya mirgi namoomaafi dimokiraasii isaa sarbamee hacuuccaa fi cunquursaa hammaataaf saaxilamee dararamaa tureera.

Bu’uuruma kanaan biyyi keenya Itoophiyaan biyya saboota sablammootaa fi ummattootaa akkasumas ummata amantaa gara garaa qabu akka ta’e otoo beekamuu gitni bittootaa darbaadabarsaadhaan irratti fe’aamanii turan eenyummaa fi heddummina kana ukkaamsuun gidiraa gara garaatiif saaxilanii bitaa turaniiru.

Gitni bittoonni kunneen ummata biyya kanaa falaasama afaan tokko, amantaa tokko, aadaa tokko fi seenaa tokko jedhuun ummata gabroomsanii bitaa turuusaaniitiin hiyyummaa, doofummaa fi duubatti hafummaaf akka saaxilamu gochuun maqaan gaarii biyya kanaa fi ummatni keenya akka addunyaatti haala qaaneessaan beela, hiyyummaafi duubatti hafummaan akka beekamu godhanii turaniiru.

Waggoottan kurnan lamaan dabarsine keessatti mirgi namoomaa fi dimookraasii lammiilee daangaa tokko malee kabajamuu danda’eera. Seenaan hiyyummaa, boodatti hafummaa fi dofummaa biyya keenyaa jijjiiramees jira.

Hojiilee gama maraan qindoomina mootummaa fi ummataan raawwatameen guddinni gama maraan galmaayuusaatiin,tulluun hiyyummaa biyyi kun ittiin beekamtu diigamuu eegalee jira. Biyya keenya keessatti sabaa fi sablammoonnii fi amantaaleen hedduun kan jiran yoo ta’u, seenaa biyya kanaa keessatti baroota dheeraaf duudhaalee waliin jireenyya fi walkabajuun gabbifachaa dhufaniin dhimma biyyaarratti tokkummaan dhaabachuun sagantaalee misoomaa, ijaarsa sirna dimokraasii fi nageenya amansiisaa uumuu keessatii tokkumaan dhaabachuun humnoota eenyummaa fi tokkumaa isaa irratti balaa aggaamame qolachaa kan turaniidha. Waljaalaa fi waldanda’uun ummataa kun humnoota guddina biyyaa fi fayyadamummaa isaa hin barbaanneen aadaan boonsaan kun qormaata adda addaaf saaxilamaa turuunsaa ni beekkama.

Ummanni keenya mirgoota namoomaa fi dimokrasii wabii heera mootummaatiin erga mirkaneefatee booda xiyyeeffannaa tulluu hiyyummaa diigurratti taasisuun guddina diinagdee ariifataa fi ittifufiinsa qabu galmeessisuun sadarkaan irraa fayyadamuusaa ittifufeera. Qabsoon inni taasisaa jiruu fi bu’aan dhandhamachaa jiru yeroo hundumaa qormaata dhabee hin beeku. Ilaachonnii dhiphummaa fi oftuulummaa ajandaalee garaagaraa daweefachuun gocha badiirraa of qusatanii hinbeekan. Sagantaalee misoomaa, ijaarsa sirna dimokraasii fi nageenya amansiisaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifaman hundatti gufuu ta’uuf yeroon isaan itti hin wixxifamiin hin turre.

Bara kana naannoo keenya iddoo adda addaatti rakkoo uumaniin lubbuu namaa fi qabeenya irratti miidhaa qaqabsiisaniiru. Aggaamiinni isaan sirna misoomawaa keenya diiganii ummata keenya gabrummaatti deebisuuf jalqaban hirmaannaa guutuu ummataatiin fashalaa’ee tasgabbiin uumamee haalli hunduu bakkatti deebi’ee ummanni hojii misoomaa isaatti deeb I’eera.

Haata’u malee humnoonni badii kun bifaafi tooftaalee adda addaa jijjiirachuun gocha badiisaanii yammuu raawwatan argamu.

Gocha badii humnootni kunneeniin raawwatamaa jiru keessatti ajandaan tibbanaa walitti bu’iinsa amantaa fi sabaaf sabalammootatti fayyadamuuf carraaqaa jiraachuun isaani mallattoo ifa ta’een mul’achaa jira. Godina Arsii Lixaa ,aanaalee muraasa keessatti jeequmsa uumaniin lubbuu namaa fi miidhaan qabeenya irratti gaggeessan ,dhaabbilee amantaa gubuunsaanii dhudhaalee waljaalaa fi waldandeettii amantaa fi sabaaf sablammoota biyya keenyaa irratti duuluuf karoorfachuusaaniti saaxila. *Pharargraph Ummata waggoota dheeraaf walkabajaa fi waljaalalaan jiraachaa ture bu’aa siyaasa hin mallee argachuuf jecha amantaa dawoo godhatanii walitti buusuuf socho’uun tuffii ummataaf qabanirraa kan maddu dha.

Humnoon kunneen ammuma misoomni keenya guddachaa dhufuu fi fayyadamummaan ummata keenyaa dabalaa dhufu wixirfannaan abdii kutachuusaanii mirkaneessu dabalaa dhufa.

Ummanni keenya duudhaalee waliin jireenyaa kan qabu safuu kan beekuufi ilaalcha dhiphummaa fi of-tultummaan kan burjaaja’u miti. Jeequmsa humnoonni badii kun gaggeessaniin miidhaan lubbuu human nageenyaa irratti qaqabee fi manca’inni qabeenyaa kana caalaa akka hin babal’anne ummanni humna nageenyaa cina dhaabbatee fashaleessuun tasgabbiin akka uumamu taasiseera. Kanaafis, akkuma kanaan dura godhaa turee fi godhaa jirutti shiira humnoota badii dura dhaabbachuun gochasaanii saaxiiluun nageenya isaa mirkaneeffachuu qaba.

*********

Content gathered and compiled from online and offline media by Hornaffairs staff based on relevance and interest to the Horn of Africa.

more recommended stories