Arsii Lixaa Shaallaatti Jeequmsi uumame lubbuu balleesse – Mootummaa

(Biraanuu Hurrisaa)

Godina Arsii lixaa aanaa Shaallaatti gochi jeeqamsa uumuun lubbuu namaa balleesse fincila humna hidhateen raawwatame akka ta’e mootummaan Itiyoophiyaa beeksiseera.

Godina Arsii Aanaa Shaallaatti humnoonni farra Nagaa dhimma Amantaa fi Saba irratti xiyyeeffateen jeeqamsa uumuuf akka yaalan maddawwan naannichaa himaniiru.

Ministirri Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Obbo Getaachaw Raddaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing korporeetiif har’a kennaniin akka himanitti jeeqamsa umametti gareewwan hidhatan muraafni hirmaataniiru.Photo - Minister Getachew Reda

Gareen hidhataan kun Dhaabbilee Mootummaa irratti miidhaa geessisuuf yaalee ture.

Jeeqamsa kanaan qabeenya bosona Mootummaa fi oyiruu akkasumas Dhaabbilee Amantaa irratti akka xiyyeefatame kan eeran Obbo Getaachaw gocha kana keessaa Mankaraarsitoonni harka akka qaban mallattoowwan mul’isan akka argaman beeksisaniiru.

Jeeqamsa ka’e dhaabsisuuf naannichatti humnoonni tasgabbii akka bobbaafaman himuun gareen hidhate garuu dhukaasa banuudhaan humnoota tasgabbii irratti ajjeechaa akka raawwatae himaniiru.

Wayita ammaa naannichatti Nagaan akka bu’eefi humnoota gocha fincilaa fi yakkaatti hirmaatan too’annoo jala oolchuuf hojjetamaa akka jiru himan.

Shakkamtoota hafan adda baasuudhaan too’annoo jala oolchuufiis Mootummaan hordoffii cimaa taasisaa akka jiru obbo Getaachaw beeksisaniiru.

Hawaasa wajjin mari’chuudhaan hawaasni gocha akka kanaa balaaleeffachuu bira darbee akka ittisuu danda’uuf hojiin akka eegalames ministirichi himaniiru.

Mootummaan gocha raawwatameef mallattoon mankaraarsitummaadha jedhus ka’umsi rakkoo mudatee guutumaa fi guutuutti isa kanadha murtee jedhurra hin geenye kan jedhan ministirichi hawaasni kaayyoo Siyaasaa Dhiphaa fi Mankaraarsitummaa irraa akka of eeguuf hubachiisaniiru.

Mootummaan Ummata wajjin qindaa’uudhaan humnoota badii irratti tarkaanfii duuba deebii hinqabne fudhachuu cimsee akka itti fufus ministirichi beeksisaniiru.
**********
Maddi oduu kanaa: Fanabc

Content gathered and compiled from online and offline media by Hornaffairs staff based on relevance and interest to the Horn of Africa.

more recommended stories