Abune Pheexiroos (Magarsa Badhaasa) Eenyu Ture? Dhuguma innii Oromoo dha?

(Argan Beekan)

Bara 1875 Fichee Salaaletti maatii qote bulaa irraa dhalatan. Warri isaanii irraa dhalatanis gama abbaatiin warra Badhaasaa Guddaa jedhaman gama haadhaatiin ammoo warra Jaalee Masoo jedhamu. Maqaan isaanii jalqabaa Magarsaa akka ta’e himama. Ijoollummaadhanis gara kawaala Debre-Libaanos deemuudhaan baruumsa amantaa yeroo gabaabaa keessatti haala nama dinqisiisuun xumuruu danda’anu. Sana boodas yeroo sanatti iddoo hayyootni amantaa jiru gara kaaba Itoophiyaa, Gondar, akkasumas Gojjam fi Walloo deemuudhaan baruumsa afuurawaa qo’atanii turan. Bara 1900, Walloo iddoo Amaara Saayintitti waggoota sagaliif barsiisa nama turanii dha. Bara 1909 ttis sirni moloksummaa kawaala Dabra-Libaanositti raawwatameefi ture. Kawaalaa Gabr’ieelii Baatuu(Zuwaay) dabalatee iddoo gara garaatti naanna’anii barsiisa turan.

Godina Arsii Aanaa Zuwaay(Baatuu) Dugdaa Hora Danbal irratti kan argamtu godaambaa afuurawaa Debre Tsiyoonitti/Tullu Guddootti/ wangeelli isaan harkaan barreessan uffanni isaan uffataniifi Masqaliin isaan qabatachaa turan ammayyuu ni jira. Tullu Guddoon bara mootuu Yoodit Tabotni Tsiyoon waggaa 40 iddoo itti dhokattedha. Bara 1919 ammoo gara Finfinnee dhufuudhaan bataskaana Maarqoositti tajaajilaniiru. Phaaphaasota Itiyoophiyaadhaa bara 1921 yeroo jalqabaaf gara Masrii, Aleksaandariyaatti ergamanii muudaman keessaa tokko turan. Bara 1928 yemmuu Xaaliyaanin biyya keenya gabroomfachuuf manneen kiristaanaa gubaa, namoota ajjeesa turanitti qabsaa’ota mirgaa kadhannaadhaan gargaaraa turan.

Keessumattuu gara Salaalee deemuun qabsaa’ota Salaales kakasanii akka diinan morman shoora guddaa taphataniiru. Booda garuu diddaa bittaa gabrummaa Xaaliyaanii kanaan harka Xaaliyaanotaatti kufan. Erga qabamani boodas gara Giraaziyaanii Dhiyaatanii, abbootni murtee Xaaliyaaniitiin adabbii du’aa irratti murteessan. Isaanis “Ana irratti wanta barbaaddan raawwadhaa; ijoollee koo irratti garuu homaa hin raawwatinaa” dubbii jedhu dubbatan ture. Xaaliyaanotni uummatni akka Xaaliyaaniif bitamu nuuf ajajaa maaloo jedhanii gaafatan. Isaan garuu uummata walitti naaf qabaa jechuudhaan erga uummatichi wal gahee booda “An egaa warra gita bittoota kanaaf akka hin bulle nama keenya dhiisaati lafa kanayyuu hidheera” jedhanii gara kuteenyan dubbachaa turan.

Photo - Abune Petros (Magarsa Badasa)

Murtiin du’aa kunis hatattamaan guyyaa walakkaa keessatti akka raawwatu ta’e. Yemmuu kiisii isaanii keessa baasanii sa’aatii ilaallatan sodaan tokkollee irratti hin muldhatu ture. Haa ta’u malee abbaan murtii inni murtii du’aa isaan irratti kennaa ture yemmuu murtii dubbisu ni hoollata ture. Isaan garuu murtiin du’aa kun homaa itti hin fakkaatne. Yemmuu ajjeefamuuf ka’anittis fannoo baafatanii uummata eebbisan. Kitaaba Qulqulluu harkaa qabanis ni dhungatan. Namoota murtii du’aa irratti dabarsaniifis ni kadhatuuf ture. Gamoon jala dhaabatanis barbaadamee fuula isaanii ummatati garagalchanii dhaabachiisan. “Fuula kee akka uffisan ni barbaaddaa?” jedhamanii gaafatamnaan ‘kuni hojii keeti’ jedhaniin nama isaanitti haasawuun.

Naannoo addaba’aaba’ii Birbirsa Goorootti(Piyaassatti) gamootti hirkisanii dhaaban. Yeroo kana loltoonni saddeet qopheedhan eegaa turan saddeettanuu yeroo tokko qawwee itti dhukaasan; garuu dhukaasa saddeettaniinuu du’uunsa shakkan. Yeroo kana du’uuf dhiisuu isaanii adda baasuuf hakimni waamame. Akka lubbuun keessa hin baane mirkaneesse hakimtichi. Sana boodas itti deebi’anii shugguxiidhan yeroo sadi mataatti dhukaasanii ajjeesan. Yemmu kuni hundi ta’u koloneelli isa ajjeesisaa ture sun uummatni dirqamaan akka harka dhawu/rukutuuf taasisaa ture.

Reeffa isaanis namni akka hin agarreef Finfinneedhaa baasanii bakka namni hin agarretti awwaalan Xaaliyaanonni. Ummati Finfinnees guyyaa sana guutummaan boo’afii oole. Siidaan yaadannootis bara 1938 Finfinneetti iddoo isaan wareegamanitti dhaabteef. Manni amantaa ortoodoksi bara Paatiriyaarikii Shanaffaa Abune Phaawuloos, waggoota 60 booda wareegamaa Abune Pheexirosiif aangoo qulqullummaa laatte. Jaarraa si’anaa kana keessas mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti aangoo qulqullummaa kan argatan isaan qofadha. Taabotni maqaa isaaniitiin moggafames Salaaletti argama. Abbaa dhugaa ta’uudhan yemmuu warri biyya bulchina jechaa turan guyyaa rakkoo kana uummata gatanii dheessanitti, isaan garuu ummata isaanii waliin du’uu filatan.

Siidaan isaanis Finfinnee Piyaasaa/Birbirsa Goorootti argama, yeroo gabaabaaf sababa misooma daandiitin ka’ee kan ture yoo ta’u Amajjii 29 bara 2008 iddoo isaatti kabajaan deebi’eera.

***********

Maddii oodeefanno: Sagalee Dhugaa Ortoodoksi

(Barruun Kun Jalqabaan Weebsaayitii xalayaa jedhamurratti kan maxxanfame)

Content gathered and compiled from online and offline media by Hornaffairs staff based on relevance and interest to the Horn of Africa.

more recommended stories