[viidiyoo fi barruu] ‘Oromoo fi DhDUOn bu'ura Itiyoophiyaati’: Fiqaaduu Tasammaa

HornAffairs Afaan Oromoon siyaasaa ummata Oromoo ilaalchisee turtii Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Miseensa Koree Giddu-Galeessaa Dh.D.U.O wajji godhe Guutuu Viidiyoo isaa akkanatti Qindeessinee isiniif dhiheessinee jira.

Warra viidiyoo ilaaluu hin dandeenyeef barruun isiniif qopheessinee jirra.
[viidiyoo asii gaditti ilaaluu ni dandeessu]
——-

 

HornAffairs Afaan Oromoo: Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Koomminikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Miseensa Koree Giddu Galeessa Dhaabbata Dimokraatawaa Ummata Oromoo gaaffii keenyaaf deebii kennuuf hayyamuu keessaniif galatoomaan jedha.

Mormiin dhihoo kana ture Kun mormii maal ture? Eennyu morma ture? Maastar-pilaanii morma ture moo? Mootummaa Naannoo Oromiyaa morma ture moo?Mootummaa Feederaalaa morma ture moo? Bulchinsa Magaalaa Finfinnee morma ture moo? Bulchinsa Ganda isaa kan isa bulchu morma ture moo? DH.D.U.O akka dhaaba Siyaasaatti morma ture moo? Sirna Feederaalizimii Biyyooleessaa morma ture moo? Eenyu morma ture? Maal mormu ture? Kanarraa maal beekuu dandeenya?

Obbo Fiqaaduu Tasammaa: Jalqaba isiniis galatoomaan jedha. HornAffairsiin dhimmoota Naannoo Oromiyaa keessatti uumamaa turan ilaalchisee sagantaa akkasii qopheessuun dhageeffattoota isaatiitiifiis odeeffannoo madaalawaa fi sirrii tahe kennuuf carraa gaarii isiniif uuma jennee waan yaadnuuf aniis gama kootiin baayyee galatoomaan jedha. Dhimma Gidduu kana tibbana Naannnoo Oromiyaa keessatti uumame mormii maaliiti jennee fudhachuu dandeenyaa? dhimma ja’amee ka’erratti  dhimmicha akka sirritti hubannuuf wantoota iddoo lamatti addaan baasanii ilaaluun barbaachisaa dha.

Ummatni keenya akka waliigalaatti hoogganummaa DH.D.U.O/ADUWAItiin hoogganamuun gaaffiiwwan sirnoota adda addaarratti qabu qabsoo hadhaa’aa gaggeessee jira. Qabsoo gaggeeffame kanaaniis wareegama lubbuu baayyee kafalee jira. Kanarraa ka’uudhaan sirna isaa haarawa ijaaree jira. Sirna haarawa ijaare kana keessatti mirgootni siyaasaa, mirgootni diinagdee mirgootni hawaasamaa walumaagala deebi’aniifuu jiru. Deebii duwwaa osoo hin taane kanarraa ka’ee ummata injifaannoo biraa hawwu, misoomaa dabalataa gaafatu, ummata gaafataa tahe, mirga saatiifiis yeroo kamiyyuu falmuu danda’u, sirna akkasii ijaaruu danadaheera jechuu dha. Kanaafiin eenyummaasaa mirgoota injifannoo siyaasaa argateera jennee kan yaadnu keessaa gaaffii guddaa guutame kan ture. Bara dheeraa keessatti gaaffiin mirga ofiin of bulchuu kan ture, mirgi ofiin of bulchuu kun waggaa dhibbaa ol sirna nafxanyaatiin Oromorra sarbamuun isaa ni beekkama. Sanirraa ka’ee sirna haarawa ijaaree jira. Naannoon Oromiyaa naannoo irraa kaasee naanoo isaa ijaaratee ofiin of bulchaa jira. Kun seenaa wagga dhibba booda kan deebi’eefi goonfota guddaa ummatni Oromoo goonfate keessaa tokko jedhanii fudhachuun ni danda’ama.

2ffaa: Afaan isaa tuffatamaa kan turees  karaa adda addaatiin afaan kun akka guddatuuf afaan hojii motummaa  seerri kan ittiin tumamu, seerri kan ittiin hiikkamu, seerri kan ittiin rawwatamu, afaan hojii mootummaa naanichaatirraa darbee afaan saayinsii, afaan barnoota ijoolleen baayyee oromoo miliyoonatti lakkaawamu kan ittiin baratan, milliyoona 8 sanaa ol ta’an ittiin baratan, kitaabni baayyeen ittiin maxxanfamu, sirna darbee afaan qo’annaa fi qorannaa, afaan teeknooloojii, afaan saayinsii, afaan miidiyaa tahuu dandahee jira.

Aadaa isaas yoo ilaalle aadaa gaddaarraa kaanee yoo ilaalle sirnoota dabran keessatti cunqursaan irratti gaheen kan awwaalame sun bahee akka cililiqu, ilmaan Oromoo kan ittiin saalfatu osoo hin taane kan ittiin boonu, irreechaa jennu sirna gadaa jennu kaan jeennu ifatti bahee kan itti boonu akka tahu sirna taasisee. Walumaa gala eenyummaa isaa irratti kan boonu, maalummaa isaa irratti ofitti-amantaa kan uume akka tahe hin laalama. Gama diinagdeeniitiis akkasuma bu’aawwan baayyeen dhufanii jiru. Qonnaan bulaan abbaa lafaa duwwaa osoo hin taane lafa isaatirraa oomishee kan argatu, eenyuumtuu saantima cabxuu kan irraa fudhatu osoo hin taane sababuma oomisheen kan ittiin badhaafamu (ittiin jajjabeeffamu), ulfina kan itti argatu, waan oomishe sanaaniis ofii isaatiif kan itti fayyadamu, haalli akkasii uumamee jira.

Biiyyi keenya gudddina keessa jirti yoommuu jedhamuus gaheen Ummata Oromootii fi gaheen Naannoo Oromiyaa guddaa dha. Barnootaas yoommuu ilaallu manneen barnootaa lammii baratuuniis yommuu ilaalllu waliigala (Millenium Development Goal) kan jennu Barkumee rukutuu keessattiis Naannoon Oromiyaa gahee ol’aanaa akka qabu guddina biyyaa dhufe kana keessatti gahee guddaa akka fide beekkamaadha jechuu dha.

Guddiinii kun matuma isaatiin maal uumee jiraa, ummata gaafataa uumee jira. Ummata gaafatu. Misoomni tokko yoo hojjatame misooma dabalataa kan gaafatu, maalummaa isaa sirritti kan bare, mirgi isaa maal akka tahe kan bare, dirqamni isaa maal akka tahe kan bare akka tahe hubatee jira. Waan hundinuu hirmaannaa isaa qofaan akka tahees hin amanaa. kanarraa ka’uudhaan dhaaba kana waggootan itti aanan shananiif dhaaba bal’atu, dhaaba guddatu kan taasise, injifannoo kanarra akka taasisu kan godhe dhaaba kana. Ummata kana. Mootummaa kana kan ijaare sagalee isaatiini. Filannoon siyaasaa garagaraa dhihaatee filannooleen siyaasaan kun hundinuu nageenya naa fiduu hin danda’anii, wal-qixxumaa naaf fiduu hin danda’anii, sabaa sablammooota wajiin akkaan jiraadhu godhuu hin danda’anii, filannoon kun filannoo badiiti. Filannoon sabboonummaan dhiphummaan dhihaatu, filannoon sabbonummaa of-tuulummaan qabsoo isaatiin kan awwaale dhuftuus lamaan isaaniituu ummatni Oromoo sirritti waan beeka waan ta’eef  dhimmoota kana filannoo tahuu akka hin dandeenye hubatee waggoota 25nan darban sagalee kan dhoowwe isa. Sagalee isaatiin Mootummaa kana hundeesse. Sagalee isaatiin federaalizimii kana ijaare. Handhuura feederaalizimii kanaati, har’aa miti yeroo cee’umsaas. Akkasumaas immoo Mootummaa federaalaa kan jedhamu kanaas giddu gala feederaalizimii kan tahe Ummata Oromooti. Itiyoophiyaa haarawa ijaaruu keessatti giddu galli feederaalizimii Ummata Oromoo ti. Ofiif mitii kaaniifuu gaaddisa jechaa dha.  Kanarraa ka’ee sababni mootummaa isaa itti mormuuf, sababni dhaaba isaa itti mormuuf, sababa mootummaa federaalaa itti mormuuf, itti shakkuuf guyyaa tokkollee uumamee hin beekkamu jechaa dha.

Haata’uuti akkumaan duraan kaase guddinni kan uume keessatti guddina isaatiif gufuu kan ta’an dhimmoonni bulchinsa gaarii bal’aa akka tahan yeroo filannoo marsaa 5ffaa geggeessinuus bal’inaan ibsee jira jechaa dha. Tajaajilli isin kennitan gahaa miti, misoomni amma hojjattan kana gaarii yoo ta’eellee gahaa mitii, cirrichi hojjattan aspaaltitti jijjiiramuu qabaa, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaan qofti gahaa mitii 2ffaa dhufuu danda’uutu irra jiraataa, 2ffaa yeroo hojjattan priippaaraatooriin (Manni Barumsa Qophaa’ummaa) dhufuu qabaa, inni kun yeroo hojjatamu yunivarsitiin dhufuu dandahuutu irra jiraataa jedhee iddoo hundatti gaafachaa ture. Kinilikiin qofti gahaa mitii hoospitaalli jiraachuu qabaa, hoospitaalli duwwaan gahaa mitii refferaaliin jiraachuu qabaa, aspaaltiin nu bira gahuu qabaa, bishaan qulqulluun iddoo hunda gahuu danda’uutu irra jiraataa, ibsaan mana manaan gahuutu irra jiraataa,  tajaajilli bilbilaa isin kennitan qulqullinaan wajjiiniis nu bira gahuu irra jiraataa karaa jedhuun gaaffiiwwan  misoomaa bal’inaan kaasaa ture jechuu dha.

Piroojeektiiwwan baay’inaan jalqabamanii jiruus yeroodhaan hin xumuramanii, yoo xumuramaniis qulqullina hin qabanii. Sirni gibiraa fi taaksii keessan rogii qabaa. Sirni tajaajila itti kennitan rogii qabaa. Sirni bulchinsa lafaarratti rogii jiraa. Walumaa gala sirna haqaarrattiis  dhimmi tokko yeroodhaan dhiimma isaa fixachuurratti, haqa argachuurrattiis rakkoo jiraa jedhee bal’inaan sadarkaa gandaarratti wanna ka’u, sadarkaa aanaarratti wanna ka’u, sadarkaa naannoorratti waan hiikkamuu qabu, sadarkaa federaalaarratti waan hiikkamuu qabu tokko lama jedhee tokko tokkoon tarreeffamaan kaasaa ture jechuu dha. Gama biraatiin kana kaaseeti kan ture. Dhimmootni gidduu kanaas uummame federaalizimii mormuu osoo hin taane federaalizimiif wabii dhaabbachuu dha jenneeti kan ilaallu. Bu’aan kuniis mootummaa anaatu ijaare, waan ani barbaadu hojjata malee waan ofii isaatiif inni barbaade hojjachuu hin qabuu jedhee kan filee dha. Qabsoo isaatiin, fedhii isaatiin mootummaa ijaare. Kanaafiin bu’aa qabsoo keenyaatu ummata akkkasii uumee jechaa dha. Kana akka bu’aatti ilaalla malee mormii akkasii ka’uu akka salfinaa fi akka dadhabinaatti hin ilaallu jechaa dha. Ummata gaafataa dha kan uumuuf qabsoofne. Fuula duras ummata gaafataa akka tahuu fi. Barataa adal hin gaafanne hundaafmiti qabsichi. Na gaha jedhee kan usuu dhaafii miti. Fuuladurattiis bal’inaan kan gaafatu ummata akkasii uumuu, motummaa ummata sodaatee jiraatu, gooftaan isaa ummata akka ta’e beekee jiraatu uumuu dhaa fi. Qabsoon dhaaba keenyaa waan kana taheef akka  miseensa dhaaba kanaattiis  bu’aa qabsoo keenyaatti nan gammada jedheen ilaala.

Kanaafiin mormiin inni kaase maali inni 1ffaa:  Bulchinsa gaarii waliin qabatee sadarkaa sadrakaadhaaan dhimmoota jiran kana kaasee dafanii hiikkamuutu jiraata kan jedhu dhiibbaa

2ffaa: Dhimma maastarpilaanii wajji walqabatee maastarpilaaniin maaliidha maalii miti, kaayyyoon isaa maali kaayyoon isaa maalii miti, qabiyyeen isaa maali qabiyyeen isaa maalii miti, dhimma jedhurratti ibsa (Clarity) gahaa ta’e yeroo saatiif wixineerra waan tureef gahaa tahe gama keenyaan kenamuu dadhabuu isaarraa kan ka’e, gama biraatiin immoo humnootni kan biraa ka’erratti carraa kana akka carraa gaariitti itti fayyadamanii kaayyoo maastarpilaanichaa kan hin taane, qabeenya maastarpilaanichaa kan hin taane, adeemsa maastarpilaanichaa kan hin taane, ummata kara shakkii itti uumuu danda’uun keessumattuu dargaggoota keenya miira kakaasuu danda’uun gochuudhaan lafti oromoo akka kutamee Naannoo Finfinnetti kennamu, babal’inni Finfinnee (at the expense of Oromia) akka tahe godhanii, federaalizimiin kun akka jige wayitti godhanii kakaasuu ture jechaa dha. Daangaan dhimma daangeessuu dhimma walitti fiduu miti federaalizimiin biyya keenyaaa. Bulchinsa qofaa miti kan daangeessu. Eenyummaas daangeessa. Maalummaas daangeessa. Federaalizimiin biyya keenyaa asii kaatee kaabaa hanga kibbaatti daangaa akkas akkasii qabda kan jedhamu miti. Eenyummaadhaa ni. Afaan dubbatuu ni. Aadaa inni qabuu ni. Maalummaa inni qabuu ni. Sabummaarratti kan hundaa’e federaalizimiin kun.  Kana waan ta’eef lafa taakkoo tokko asii fuudhanii achi kennuun lafa duwwaa osoo hin taane kan kennamu eenyummaa wajjiin kennama. Kanaafi feederaalizimiin an ijaare kuni  jigsuudhaafii laata karaa jedhuun, federaalizimii kanaaf wabii dhaabbachuu dhaafi kan morme. Kana keessatti feederaalizimii malee hin jiraatuu jechuu dha. Shakkii qabu sana ifatti kaasuudhaan, mootummaa ofiif filate, dhibbaan dhibbattti filateetii bar. Carraan hundi dhihaatee carraan amma jedhamu kun hundi dhihaatee, isin humnoota badiiti malee humnoota misoomaa tahuu hin dandeessan jechuudhaan dhibbaa dhibbatti bahee filate. Karaa nama ajaa’ibuun galmeerraa kaasee guyyaan filannoo irraa kaase akka isaan hin jedhanii guyyaa lammataa hojii misoomaatti kan gale.

Kana caalaa dhaaba isaatiif  mootummaa isaatiif amantaan inni qabu guddaa natti fakkaata. Dhaaba isaa deebisee ammaas rakkoon qabu kana isinumaatu sirreessaa jedheeti rakkoo bulchinsa gaarii kaasaa ture jechuu dha. Rakkoo bulchinsa gaarii kanarratti  kan maastarpilaanii wajji dhimmoota wal-qabatamu shakkii waan uumaniif shakkii uumame kana immoo qaamni humnootni badii kun kaayyoo siyaasaa isaaniitiif akka carraa gaariitti fudhatanii waan itti fayyadamaniif ida’amni kun jeequmsa kana uumeeraa jenneeti ilaalla. Malee dhaaba isaa mormuudhaaf ka’uudhaan, mootummaa isaa mormuudhaaf ka’uudhaan, federaalizimii mormuudhaaf ka’uudhaan, federaalizimii kanaafiis wareega baayyee kafale. Ummatni Oromoo yeroo camsaatirraa kaasee yeroo warri feederaalizimiin kun diigamuutu irra jiraaata jedhanii jarri kaan dhiitanii yommuu ba’an federaalizimiin kun jiraachuutu irra jiraa jedhee humnoota kanaan dabalatee kan gubachaa ture ummata Oromoo ti. Ummatni Oromoo federaalizimii kanaaf bu’ura. Wareegamaan ijaare jechaa dha. Wareegamaan kan ijaare kana haalli itti mormu hin ummamne. Dhimmoota akkanaa akka waliigalaatti ka’umsa rakkoo kanaati jenneeti kan ilaallu.

 Photo - Fekadu Tessema, Oromia Comm Bureau head

HornAffairs Afaan Oromoo: Mormiilee kana keessatti qaamota Hawaasa adda addaarraa fi akkasumallee qaamota nageenya eegsisurraahiis lubbuun nama hedduu akka galaafamte beekkamaa dha. Lakkoofsaan hin beekkamuu? Lakkofsaan nama hanganaatu sababii kanaan akkanatti galaafame kan jedhu ni beekkamaa?

Obbo Fiqaaduu Tasammaa: gaarii dha. Duraan dursee dhimma ummatni gaaffii sirrii iddoo shakkii itti qaburratti kaasuu saa akka jirutti fudhanne. Qaamooleen biraa garuu jeequmsaa fi kaayyoo isaaniitiif fayyadamuudhaan waan uumamuu hin-malle karaa nagaatiin kaasuu osoo danda’uu waan uumamuu hin-malle uumamee lammii keenya lubbuudhaaniis, qaamaaniis qabeenya barabdaa’e tahellees dhaabni keenya yeroo adda addaatti mootummaan naannoo keenyaas  dhunfatti kenname kamiyyuu gadda cimaa nutti dhagahame ibsinee jirra. Gadda kana ibsuu duwwaa osoo hin taane jara badiin irratti qaqqabe kana jajjabeessuudhaafiis deebisanii ijaaruudhaafiis  mootummaan koomitmentii qabu. Isaan cinaa akka dhaabbatuus yeroo adda addaa ibsee jira jechuu dha. Waan uumamuu hin qabneetu uumame. Kanaan baayyee gaddina. Warra du’aniif lubbuu isaanii sababa kanaan dhabaniif baayyee gadda. Maatii fi ummata keenya guutuudhaaf jajjabina hawwa. Jara kana cinaa immoo Mootummaaniis dhaabbachuudhaaf qophii tahuu isaa carraa miidiyaa kanatti fayyadamee ibsuuf nan jaaladha.

Gama biraatiin kana keessatti eenyu du’ee? Akkamitti du’ee?  Dhimmoota jedhaman kana  qaamoleen humnoota siyaasaa adda addaa  faayidaa isaaniif akkaataa itti uumuu danda’uun ibsa gara garaa kennanii jiru. Nuti akka ummatummaatti dhimma kanaan qofa walqabatee,  jeequmsa uumamuu hin malle kanaan qofa wal qabatee qaama nageenyaa keessaahiis haa ta’u, hawaasa kana keessatti karaa adda addaatiin uumameeniis haa ta’u, meeshaa waraanaa qabatanii qaamota nageenyaa wajjiin yommuu dhukaasaniis, falmii giddutti taasifameeniis , dhukaasa giddutti banameen du’an haa ta’u eenyu faa akka tahe lammii keenya waan ta’eef hunda isaa qabatamaan adda baafnee sababa isaa wajjiin kan du’ees, kan madaa’ees, maadaa’ee hoospitaala ga’ee maal tahees kan jedhu Mootummaan dhimmicha guutumatti qulqulleessaa jira. Inni kun qulqullaa’ee yommuu xumuramu hunda isaa badii lubbuu nammaarrattiis, qaama namaarrattiis, qabeenyarrattiis hunda qaqqabe ilaalchisee hundasaa erga xumurre booddee akka Mootummaatti kallatti qabatummaa qabuun qaama barbaachisaa taheen hin ibsina. Kun yeroo addaa addaattiis ibsi wanti kennameef lammiiwwan akka du’an ifa. Akka miidhamn ifa. Eenyumtuu dhoksuun hin danda’amu. Garaagarummaan kanarratti namni tokkoos yoo du’e  namni dhibbaa wahiis yoo du’e gadni namaa tokkuma. Lubbuun kun tokko baduu waan hin turreef. Kanaaf kana gadda. Dhimma jiru garuu odeeffannoo saa qulqulleessinee  yeroo barbaachisu qaama barbaachisuun kan ibsamu tahaa jechuu dha.

HornAffairs Afaan Oromoo: Shoora nageenya eegsisuu yeroo mormii keessatti warri hirmaatan hin beekkamuu? Eeny faadhaa? Agaazii kan jedhamu ture moo?

Obbo Fiqaaduu Tasammaa: Haala qaamolee nageenyaa walumaa gala ilaalchisee haalli uumame yeroo biraatirraa jeequmsi uumame yeroo biraatirraa adda kan turee dha. Adda kan ture yommuu jennu bal’ina isaatiiniis, tormaata isaatiiniis akkasumas hammeenya isaaniitiis yommuu ilaallu  baayee bal’aadha kan ture. Miidiyaalee humnoota badii kanaaniis kalllattiin tamsaasaa itti kennameeti karaa nama kakaasuu dandahuuniis tamsaasaa waan turaniif  namni beekuus namni hin beeknees bal’inaan kan hirmaate waan tureef haala nageenyaa fi humna nageenyaa of keessattti tureen haalli humna nageenyaa naannichaatiiff baayyee rakkisaa ture jechaa dha.

1ffaa: Bal’ina isaatiin baayyetti al-tokko yommuu ka’u humni kun iddoo hundatti qaqqabuurratti lakkoofsa isaatiiniis wal qabatee rakkoo dha kan ture. kanarraa ka’ee kanarratti kan hirmaate inni jalqabaa milishaa keenya. Milishaa gandarra jiru. Milishaa Naannoo Oromiyaa jechaa dha. Milishaa Ganda isaarrra kan jiru, aanaa isaarra kan jiru jalqaba nageenya kana eegsisuu keesssatti akka qaama nageenyaatti isa. Itti aansuudhaan poolisii naannoo ti. Koora-Bittinneessaan Naannoo Oromiyaas hirmaatee jira. Lakkoofsaan muraasa yoo ta’ees iddoowwan mormiin itti jabaattetti hirmaatee jira. Humna qaamolee kanaa ol yommuu ta’u bal’ina isaatiin iddoo hunda waan qaqqabuu hin danda’amneef iddoo tokkotti yommuu dhoo’u iddoo kaaniittis, hammeenyi itti deemaa turee haalaan hamaa dha kan ture. Karaa cufuun turee jira. Meeshaa waraanaatiin deeggaramuu jra ture. Meeshaa waraanaa dirqisiisisuun milishaarraa fudhachuu turee jiraa. kanarra darbee immoo manneen sirreessaa (hidhaa) gad lakkisiisuu dhaaf cabsanii gad lakkisiisuudhaaf, bulchinsa diiguu dhaaf, manneen poolisii diiganii meeshaawwan fudhachuudhaaf kanaa ol jeequmsa balaa akka qaqqabsiisuf waan ta’eef kana keessa waan turee dha. Dhimman kun yommuu hammaatu poolisiin federaalas kana keessatti qaama kana deeggaruu keessatti iddoowwan gara garaa eeguu keessatti  akkasumas immoo iddoowwan jeequmsi itti uumaman kana tasgabbeessuu keessatti hirmaatee jira.

Humnoota  kanaa ol bakka itti ta’etti immoo humni dabalataas Raayyaa Ittisa Biyyaa galee jira. AGAAZII kan jedhamu kana osoo hin taane Agaaziin humnaaniis iddoo kana hunda gahuu hin dandahu. Lakkoofsi isaaniis yommuu ilaalamu lakkoofsaan muraasa.  Gaheen isaas kanaa miti. Bal’inaan jechaa dha. Kanaaf as keessatti kan hirmaate Milishaa, Poolisii Naannoo Oromiyaa, Poolisii Federaalaa fi akkasumas Raayyaa Ittisa Biyyaa iddoo iddoo jiranitti muraasni jechaa dha. Inni hundumtuu yeroo gara garaa osoo hin taane, idduma jiranitti kan hirmaatani. Fakkeenyaaf, baha keessatti koreen Raayyaa Ittisa Biyyaa baha jiru deeggarsa kenna yeruma kamiyyuu jechaa dha. Amma qofa osoo hin ta’in yeruma kamiyyuu nageenya eegsisuu keessatti  gargaarsa hin kenna jechuu dha. Yeroo filannoos eegumsa nageenyaarratti hin bobba’a. Yeroo ayyaanni gara garaa kabajamu rakkoon ummatarra akka hin geenye gochuudhaaf kan hirmaatuu jechaa dha.

”Humnootni kun maaliif hirmaatanii?” jennee yommuu ilaallu ”Maaliif?” ”Dhimma kanatti humna baayyee kana hirmaachisuun barbaachise?” ”Otoo kana hunda hirmaachisuu baannee maaltu dhufa ture?” jechuun ilaaluun ni danda’amaa jechaa dha. kana

1ffaa: Humni kun karaa baayee ijaarameen meeshaalee iddoo eegsisuu danda’u fudhatee iddoolee ammoo meeshaa guutumatti cabsee fudhachuu danda’u godhee guutumatti gara biyya seera keessa hin jirre godhee, namoota akka barbaadetti ajjeeesee, kan barbaade gubee akkaataa sanaan odeessaa dha kan ture jechaa dha. Qabeenyaas barbadeessaa kan turee dha jechaa dha. Kana duwwaa osoo hin taane saamichaas turee jechaa dha. Lubbuun namaa bal’inaan galaafamaa ture jechaa dha. Dirqamaaniis ummatni isaan cinaa akka hiriiru, kan dide immoo mana isaa gubaa kan turanii dha qabatamaan yommuu ilaallu. Oomishini waggaa guutuu qonnaan bulaaan dafqa isaatiin basee, haramee, oomishe kan xuullatees gubanii jiru jechaa dha. Kun bakka jirutti mootummaan dhimma kana iddoo jirutti dhaabuun barbaachisaa ture waan taheef nageenya ummataa eeguudhaaf jecha  humni kun kan bobba’e jechaa dha.

2ffaa: Poolisii federaalaas yoo ta’e lakkoofsi baayyeen isaa Oromoo dha. Qaama biraa miti. Poolisiin federaalaas nageenyuma naannoo dhaa eeguu dhaafi. Nageenyuma biyyaa eeguu dhaafi.  Humna tokko. Federaalizimii kanaas isumaatu ijaare jechuu dha. Raayyaa Ittisa biyyaas yoo jenne raayyaan ittisa biyyaa eenyu keessaa kan ba’e? Oromoon bal’inaan kan keessatti hirmaatuu dha. Wanni addaa hin jiru jechaa dha. Dhimma sabaa godhanii addaan baasuudhaaf yaalii taasifamu yoo ta’e malee humni nageenyaa kun nageenya ummataa eegsisuu dhaafi. Kan godhees kanumaa jechuu dha.

Iddoo muraasatti hanqinaalee raawwataman jiraachuu mala. Hanqinaaleen, akkuma qaamni biraas raawwatutti, humni nageenyaa kuniis waaqarraa hin buune jechaa dha.  Waa hunda isaa waan qulqulluu iddoo hundatti raawwata jechuun hin danda’amu. Iddoo ta’e ta’etti waan hin malle gochuun mala. Waan ummatniniis hime, waan qabatamaa bira gahuudhaafiis yaalle ni jira jechuu dha. Kanaafiis kana hatattamaan sirreessuudhaaf waan hin malle warri godhan haalli itti gaafatamu ni jira. Dirqama isaarrattiis haalli itti gaafatamu ni jira. Dhimmoota kana waliigala kan turani. Inni guddaan giddu-galeessa isaa nageenya ummataa manni akka hin gubanneef, hawaasni qabeenyi isaa akka hin barbadoofneef,dirqamaan ummatni akka hin mormineef, qabeenyi isaa akka hin saamamneef,  karaan akka hin cinneefi. Tajaajilli waliigala isaanii makiinaa dhaabanii dabarsuu dhaaf maallaqa fudhachuu ture jechaa dha.

Ol-aantummaan nageenyaa yoo nageenyi hin jiraanne ol-aantummaan nageenyaa yoo hin mirkanoofne biyya akkami akka qabaachuu dandeenyu ilaaluun ni danda’amaa jechaa dha. Akka sooriyaa, akka somaaliyaa maal maal kana akka tahu taasisuudhaaf wanti raawwatamuu turees cimaa waan tureef dhimma kana tasgabbessuudhaaf yaaliin godhamee jira. Dhimma  Agaaziidhaa akkasumas saraawiitiin bobba’e saraawiitii saba tokkootii maal maal jedhamee kan hafarfamu kun gonkumaa fudhatama kan qabuu miti jechaa dha. Heera mootummaarratti kan kaa’ame jira. Heera mootummaarratti kan kaa’ame kun Poolisiin federaalaas kan ijaaramu akkasumaas immoo Raayyaan Ittisa Biyyaas ifatti kan ijaaramu hirmaannaa Sabaa fi Sablammootaatii ni. Ergamni isaas nageenya biyyaaa eeguu dha. Kanarraa kan darbe hin qabu. Inni kun otoo ta’uu baatee badiin qaqqabu gahu maal tahuu akka danda’u ilaaluun ni danda’ama. Isa kana ittisuudhaa fi. Hirmaannaan isaas kana mirkaneessuu fi. Mootummaaniis kanuma hojjate jechaa dha.

Hundaa ol garuu akka keenyaatti, Raayyaa ittisa biyyaas miti, poolisii federaalaas mitii, poolisii oromiyaas mitii, milishaa keenyaas miti, gahee ol’aanaa kan taphate ummata. Gaaffiin kun garaan malee deemuu isaa yommuu baru, manni isaa qofti gubachuu yommuu jalqabu, daandiin cufamee sochoo’uu yommuu dadhabu, ambulaansiin isaa ulfa qabattee deemtu karaarratti  gubamuu yommuu jalqabamu, waan inni waggaa guutuu dalagaa ture sun gubachuu yommuu jalqabu, dhimmi kun gaaffii isaa akka hin taane bare. Isa fuuldura kan dhaabbate. Otoo ummatni fuuldura dhaabbachuu baatee, saraawitii biyya kanaa mitii saraawitii afrikaa guutuu otoo finneehuu wanna dhaabbatuumiti.

Ummatni oromoo gaaffiin inni gaafate ifa. Mootummaa isaa fi dhaaba isaa filateef dhiheesse. Gaaffii irratti iftoomina hin qabaanne, gaaffii bulchinsa gaarii misooma guddinarraa dhufan akka hiikkamuuf barbaachuurraa kaasee  kanaan ala gaaffii biraa hin qabu. Gaaffii saba biraa balleessuu, gaafffi qabeenya barbadeessuu, nama qaluu, nama gubuu, gaaffii isaatii miti jechaa dha. Aadaa isaallee miti. Fuulduratti bahee kan balaaleeffatees ummata. Akka tasgabbaa’u kan godhees ummata. Kana waan ta’eef isa kana tasgabbeessuu keessatti gatii ol’aanaa kan qabu ummata keenya. Qaamni nageenyaa keenya gatii lammaffaa dha kan qabu. Dirqama saas waan taheef jechuudha. Kana walii gala kan jiru.

HornAffairs Afaan Oromoo: Dh.D.U.On akka Dhaaba Siyaasaa Ummata Oromootti mormiilee naannowa adda addaatti argaman kanarraa maal hubata? Deebiin akka siyaasaatti kennamuus jiraa moo akkam?

Obbo Fiqaaduu Tasammaa: Dhaabbatni keenya Dhaabbatni Dimokrrasawaa Ummata Oromoo uumama isaatiin kan uumamees qonnaan bulaarraa hi. Qabsaa’otni isaas baayeen wareegama kafalanii sadarkaa kanaan kan geessan qonnaan bulaa bal’aa dha. Kan dhaabbateefiis qonnaan bulaa bal’aadhaa fi. Namni biraa hin jiru. Qonnaan bulaan bal’aan fedhiin isaa yommuu eeggamu jiruu saanii yommuu yommuu jijiiramu kan magaalaas hawaasni kaaniis hin jijjiirama jedhee amana. Hawaasa baadiyyatiif qonnaan bulaaf dhaabbate yommuu jedhamu magaalaaf hin dhaabbatne hawaasa kaaniif hin dhaabbanee jechaa miti.  Adda durummaa inni dhaabbateefiitu rakkoon qonnaaan bulaa fi baadiyyaa keessa jiru yommuu hiikkamu kan kaaniis hundi isaa ni hiikkama jedhee yaada.

Kanarraa ka’ee ammoo rakkoowwan hundee isa qunnamu ofii isaaf taa’ee kan ilaalu duwwaa osoo hin taane ummataa wajji deebi’ee marihata. Maali inni rakkoon uumame, maaltu maal tahe jedheeti taa’ee mari’ata.  Fuullee fuulletti mari’ata. Marii kanarraa deddeebisee kan hime  jijjiirama guddaa fiddanii jirtuu, injifannoo guddaati kan goonfannee jirruu, misooma nu barsiistanii jirtuu, afaan nu barsiistanii jirtuu,  waa hunda saa mirga argannee ti kan jirruu. Haa ta’uuti garuu ammaas kun dhaabbachuu hin qabuu, caalmatti misooma dhufuu dandahuutu irra jiraataa. Hojiiwwan misoomaa bulchinsa gaarii jettan kun jiruu keenya keessatti iddoo guddaa waan qabaniif dafanii hiikkamuu dandahuutu irra jiraataa dhimma jedhu kana kaa’ee jira.

Dhimma maastarpilaaniis yoo ta’e bara 2006 irratti Aamboorratti wanni walfakkaatu sadarkaa kanattillee tahuu baatu rakkoon uumamee turee jira. Rakkoon sana akka uumameen yeroo sana tasgabbeessan marii bal’atti seenamee guutumatti dhaabbateera. Yookiin immoo mari’annee yoo barbaachisaa ta’e itti fufna karaa jedhu sana saniin itti deemaa jedhani. Nuti garuu tasgabbeessineetuma dhaabbate. Hojiin ibidda dhaamsuu qabuu, hojiin keessan bu’urarraa wannoo ta’uutu irra jiraataa kan jedhu waan kaafameef inni guddaan DH.D.U.On akka dhaabaatti dhaabbatee rakkoon ummame kun, eessatti rakkoon uumame jedhee kan of ilaalu, deebisee rakkoo isaas ummatatti kan himu, ummatni isaa akka itti himu kan taasisu, sanarraahuu ida’ama lamaaniin cimee dhaaba cimee ba’u waan taheef inni guddaan kan laale dhimmoonni ummatni kaasu yeroodhaan bakkalatti deebii hatattamaa itti kennuu wajji wal qabatee hanqinni akka jiru kan ilaale. Otoo inni kun ta’ee turee kaaniifiis carraa gaarii hin ta’u ture. Akka carraatti akka itti hin fayyadamuudhaaf carraa qaawa argatan ture. Kana kan ilaale.

2ffaa : Rakkoowwan bulchinsa gaarii yeroo dhaa gara yerootti ummata hifachiisa ummata hifachiisaa, ummata keenya dallansiisaa baayyinaan waan jiraniif isa kanaas miira yeroo hin qabneen hiikuun akka nurra jiraatu kan irraa baranne.

3ffaa:  Qaama dargaggeessa kana bal’inaan barsiisnee jirra. Barachuun isaa bu’aa keenya. Ammaas kana caalaa bal’naan hin barsiiSna. Sadarkaa baayyinaan barartee bahuun garuu carraa hojii uumaa jirraahii? Baadiyyatti carraa hojii uumaa jirraahii? Magaalatti carraa hojii uumaa jirraahii? Wanni carraa hojii uummuudhaaf yayyaalamu jiru. Garuu bal’ina rakkichaa wajji yommuu ilaaltu waan walitti dhufuu miti. Badii keessatti namni hiree dhabe qaama kamiifuu yoo hiriire kan nama dinqisiisu hin jiru. Wanta toora naannowa kana jiru ilaaluu.

Gama biraatiin immoo keessumattuu Dhaloota Haarawa kanarratti hojjachuun akka barbaachisu dhaabbatni keenya dargaggeessa kaleessaatiin kan ijaarame yoo ta’ellee ammaas miseensii fi gaggeessaan isaa bal’inaan dargaggeessa yoo ta’elle dargaggeessa guutuu Oromoo keessatti laphee keessa sirritti karaa galuu danda’uun hojiin siyaasaa bilchina qabu bal’inaan akka hojjatamuu qabu dhaabni keenya kan akka rakkoo baasee jira. Fuulduratti kana hojjatee akka galmaan ga’u abdiin qaba.

HornAffairs Afaan Oromoo: Dhaabbatni Dimokraatawaa Ummata Oromoo Dh.D.U.On akka qaama ADUWAItti, akka qaama dhaaba biyya bulchuutti shoorri inni akka dhaabaatti taphachaa jiru xiqqaa dhaa! Aangoo hin qabuu jedhee komatama. Kanarratti mee maal jettu?

Obbo Fiqaaduu Tasammaa: Dhaabni kun guyyaa hundaa’erraa kaasee gaaffii ummata Oromoo qabsoo gaggeessaa turee fi wareegama kafalaa ture kana karaa bifa taheen nan deebisa jedhee kan ka’e ABO mataa saatiin maqaa ummata Oromootiin isa jalqaba ijaarame nan deeebisa jedhee akka jaarmaya tokkoootti ka’uusaa Dhaabbatni Dimokraaswaa Ummata Oromoo dhimma kanaaf kabaja guddaa kenna. Seenaa Oromoo waan taheef. Seenaan lamaan keenyaahuu seenaa Oromoo ti.

Garuu qabsoo ummata Oromoo kana turmaata sana keessatti qabsoo sabaa fi sablammoota biyyattiidhaan walitti hidhuun waan hin danda’amneef qabsoon ummata Oromoo lafarra harkifachaa, qancaraa, wareegama baayyee kafalaa kan ittiin dhufe akka  tahe hin beekkama. DH.D.U.On qabsoo ummata Oromoo kana qabsoo sabaa fi sablammoota cunqurfamoota kaaniin wajjiin walitti hidhuudhaan filannoo addaa qabatee dhaaba bahee dha. Aadaa ummata Oromoo giddu galeessa godhatee dhaaba bahee dha. Ummata waliin jiraachuu danda’u  ka’umsa godhatee kan ba’ee dha. Kara dimokraataowaa taheen rakkooon hundinuu hiikkamuu ni danda’a jedhee kan ba’ee dha.

Sabaa sablammoota kaaniis hunda akka diinaaatti kan ilaalu osoo hin taane diina isaa akka diinaatti, gita bittaa kamirraahuu akka gita bittaatti saba kamiifuu taanaan diinaa jedhee hariiroo isaa sirreeffatee, sabni biraa garuu maqaa sanaan yoo ta’e ala waan fayyadaman waan hin jirre waan taheef firaa jedhee addaan baafatee kan galee dha. Kana irratti adda addummaa qabna. Guyyaa dhaabni kuni hundeeffamerraa ka’ee dhaaba kanarratti gama of-tuultotaatiiniis gama dhiphootaaniis bal’inaan shakkiin akka irratti uumamu taasisuudhaan guyyaa dhaloota isaarraa ka’ee hanga ammaatti irratti duulaa jiru. Fuuldurattiis irratti hojjatu jedheen yaada. Kun garuu nuuf cicciminsa malee nu cilpheeffachiisu. Deebiin qabsoo keenyaas kanuma.

ADUWAI dhimma jedhamu kana  OPDOn ala yookiiin DH.D.U.On ala akka addaatti qabatamaa dhaan qaamni murteessaa ta’e OPDO dha. OPDOn alatti ADUWAI yaaduun waan danda’amuu miti. Sabni isaa akeekni ADUWAI hundisaa giddu gala baadiyyaa godheeti hojjata. Aantummaan isaa qonnaan bulaarratti. ADUWAIn qonnaan bulaarratti hojjata yoo ta’e qotaa bulaa bal’aan as jira jechaa dha. Bu’ura hawaasummaa saa kan qotaabulaa bal’aa ADUWAI dha. Kan ADUWAI Qoteebulaa erga ta’e  qonnaan bulaan balaan kan jiru Naannoo Oromiyaa ti. Naannoo Oromiyaa keessatti kan ceemsifamu OPDO dha jechaa dha. ADUWAIn milliyoona 6 akkasitti siqa qabu keessaa, lakkoofsa sirrii harkaa hin qabu, walakkaa ol kan ta’u miseensa OPDO ti. Miseensa bal’aa kan qabu DH.D.U.O dha. Federaalizimii kana giddu galli OPDO fi Ummata Oromoo ti. Jaalatamees jibbamees.

Dhaabbicha keessatti naamusa galii tokko qaba. Qamni hunduu dambii itti oolmawaniin yommuu walitti dhufan heera ittiin bulmaa’an qabu. Karaarratti miti kan walitti dhufan. Akeekaan tokko ta’anii naannoo naannoo isaaniitti eessummaa saanii qabatanii kan hojjatani. Dhimma ADUWAI keessatti dhimma mormuu, dhimma deeggaruu, dhaabbooleen qixxeen qaba. Achi keessatti akka gahee hin qabne godhanii kan kaasan federaalizimiin kun akka diigamu warra barbaadani. Federaalizimii kana keessatti  ummatni Oromoo shakkii akka godhatu gahee hin qabu jedhee akka shakkii godhu taasisuu dha. Misooma hanga ammaatti dhufe jedhamu kessatti hooggansa OPDO dhaan dhufe. ADUWAIn kan itti boonu. Hidhuma amma ijaarraa jiru kana keessatti hirmaannaa dhaan guddaan Kan Naanoo Oromiyaa ti. Ija kanaan ilaaluun ni barbaachisa.

Gama biraatiin sirni ijaaraa jirru sirna federaalizimii ti. Sirna federaalizimii kana keessatti sabna Xiqqaa Saba Guddaa Kan jedhamu mirga wal-qixxee qabu. Saba xinnaa dha jettee mirga isaa irraa fuudhuu hin dandeessu. Saba guddaa dha jettee haalli itti caalsisuu dandeessu hin jiru. Mana marii bakka ummataa keessatti lakkoofsa saatiin bakka bu’u. Mana marii feedereeshinaa isa lakkofsa saatiin bakka bu’a. Lakkoofsi saa ammaas guddaa dha. OPDO dha jechuu dha. Iddoo bakka bu’uu qabutti lakkoofsaan bakka bu’a. Lakkoofsaan duwwaas osoo hin taane qoodinsa bajataatiis ni fudhata. Akka lakkoofsa isaatti fayyadamaa jechuu dha. Kanarra dabaree immoo hojii raawwachiiftuu keessaas yoo ta’e lakkoofsaan kennnama. Sabaa fi sablammootni biyya kanaa bakka bu’uu tu irra jraata jechuu dha. Federaalizimii keenya jedhanii amnuu dandahuutu irra jiraata jechuu dha. Kanaas yommuu ilaallu ministeera 9 (Sagal) moo akkan kan qabu. Dhimmooota kana giddu galeessa goonee yoo ilaalle gaarii dha jedheen yaadaa akka yaada kootti.

HornAffairs Afaan Oromoo: Obbo Fiqaaduu Tasammaa Hogganaa Biroo Dhimoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa tii fi Miseensa Koree Giddu Galeessa DH.D.U.O baayyee galatoomaan jedha.

Obbo Fiqaaduu Tasammaa: Galatoomaa Isiniis.

*************

1 Comments
  1. Debisa Jiru

    Hundaa dura Abdulbasit Abdusemed gaaffii obbo Fiqaaduu Tasammaaf dhiyeesssiteef galatoomi jechaa, Kominikeeshiinin Oromiyaa obbo Fiqaaduun wanti haasa’an mucaa Oromoof ifa miti, soba guddaa, fafakkeessuu beekumsi keessa hin jirredha, dhugaadha Oromoon Afaan isaatin barachaa jira qulqullummaa barnootaan garuu bulchiinsa naannolee biroo Itoophiyaa hundaati gaditti, websitii ministeera barnoota galaa ilaala! Karaan Finfinnee adaamaa, harar, dirree, boranaa, arsii, baalee, jimma fi kkf Oromoof osoo hin taanee oromoo saamuufidha, sababnikoo akkuma Obbo Fiqaaduun jedhan uummanni oromoo har’as dhibbantaa 90 ol qotee bulaa waan ta’eef karaalee Obbo Fiqaaduun faarsan kana bira gahuufuu fagoodha irra! Karaa barbaadan isa gara karaa guddaa kanatti baasuu hin arganne. Bishaan dhugaatii qulqulluun Oromiyaa keessa jiraachuu isaas nan shekka! Magaalotuma Oromiyaayyuu dabalatee, kan ibsaa fi kkf nan dhiisa kanin jechuu barbaadee misoomni har’as Oromoo bira hin geenye, kanaaf beela arginee hin beekne biyya lalistuu faarsaa bulchitootni keenya fooqitti mana kiraa kaffala wal qabannee dararamaa kan jirru. Dinaagdeen zeeroo orra jira Oromoon! Kan birron immo Horn Affair kana irratti Obbo Abbay Tsahayee Ministeraadha aangoodhaan Obbo Fiqaaduu ni caala, inni Oromoon waan saamameef lafti isaa waan jalaa gurgurameef gaaffi mirgaa gaafachaa jira jedhe, Obbo Fiqaaduun immoo misooma dabalataafidha jedhe isa kamtu sirriidha? Aangoon OPDO iddoo kamitti? Federaalizimiin Itoophiyaa hin hojjeta taanaan akkamitti lammileen mootumma biyya bulchuun ajjeefamuun gati rasaasaa gaafatamu? Uummanni Oromoo akkamitti ergama biroo warra qabaniin dhibamanit jeeqan jedhama, Oromoon har’a miti jarrota dura iyyu waan godhu beeka waan jedhus beeka godhiif jedhii namaan dhiibame kan godhu miti. opdo’n gaaftokko dogoggore jechuu hin beektan natti fakkata dogoggoroota wal fakkaataadhan wagga 25 maqaa ABO tin wareegamun keenya itti fufeera waamnes kan nuuf awwaatu hin jiru, barattotni universitit bulchiinsa naannoo Oromiyaaf iyyata almeeqa maqaadg=huma oromoon dhiibamaa fi dhiitama jirra jennee galchannee deebii dhabneerra! Misoomsni Oromoo bara OPDO tti gara kamitti deemaa jira?
    Siyaasni Oromoo bara OPDO tti gara kamitti deemaa jira?
    sabbontumma fi eenyumman hoo? ANI WANTA TAA’AA JIRUTTI, DEEBII OPDO TTIS TARKAANFII TPLF TTIS GADDEERA!

    Reply

Leave a Reply