Finfinnetti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruun eegalame

Finfinnetti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruun eegalame

Bulchinsa Magaalaa Finfinneetti manneen barnoota Afaan Oromootiin barsiisan ijaaruun eegalameera.

Manneen barnoota kun Waldaa Misooma Oromiyaatiin kan ijaarame yammuu ta’u, kutaawwan Magaalaa Nifaas-Silkii, Laaftoo, Gulallee, Kolfee fi Aqaaqiin iddoo ijaarsaatiif filatamaniiru.

Manneen barnootaa kun dhalattoonni Saba Oromoo fi dubbattoonni afaanichaa Magaalaa Finfinnee jiraatan Afaan Oromoo akka barataniif gargaaru jedhameera.

Logo - Oromia Development Association
Logo – Oromia Development Association

Manneen barnoota barana ijaarsisaanii eegalaman keessaa lameen deeggarsa dhaabbiileen miti Mootummaa waldichaaf taasisani kan ijaaran yammuu ta’an kanneen hafan birrii Miliyoona 15 Waldaan Misooma Oromiyaa ramadeen ijaaramaa akka kiran himameera.

Manneen barumsaa ijaaraman sadarkaan qulqullinasaanii kan eegamee fi abbaa gamoo afurii yammuu ta’an xumuramee tajaajila kennuu wayita eegalanitti kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti barsiisu.

Manneen barumsaa kana kutaawwan Magaalaa shan keessattiis dabalataan ijaaruu fi ijaarsa wiirtuu addaa eegaluuf waldichi sagantaa galii walitti akka karoorfate beeksiseera.

——–

Abdulbasit Abdusemed

more recommended stories