(Gammachuu Kadir)

Aadaan mallattoo eenyummaa saba tokkoo yoo ta’u, meeshaa isa mul’isus ni qaba; innis, afaani. Afaan bifa barrreeffamaafi afoolaatiin seenaafi aadaa ibsuun eenyummaa saba tokkoo calaqqisiisa. Guddina aadaafi seenaa saba keesaatti shoorri afaanii guddaadha. Kana jechuun ammoo aadaan afaan malee mul’achuu hindanda’u.

Oromoon ummata bal’aa aadaa boonsaafi bareedaa qabudha. Ummanni kunis aadaasaa haala addaddaatiin ibsata. Kanneen keessaas fudhaafi heerumaa, nyaataa, uffannaa, sirbaa, geerarsaafi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama. Barreeffama har’aatiinis aadaa geerarsa Wallaggaa ilaalchisuun Kitaaba Qees Dafaa Jamoo barreessan irraa kan dubbisne qindeessinee gabaabinaan isin dubbisiisuu yaalla. Geersi dhihaate kan xiyyeeffatuun geerarsa kutaa Oromiyaa Wallaggaarratti.

Kana jalattis aadaa geerarsa Wallaggaa yoo ilaalle Oromoon yoomessa geerara? Maal jedhee geerara? Eenyutu geerara? Geerarsaaf wanti isa kakaasu maali? qabxiilee jedhan ilaaluu yaalla. Akka aadaa Oromootti geerarsi jaalala hiriyaa, biyyaa, hadhaafi loonii ibsuuf akkasumas, yeroo cidhaa, ateetee, daboo(guuza), ajjeesaa, buttaa qaluu, ayyaanoota gurguddaa kan akka Irreechaafi ta’iwwan biroorratti ni geeraramaa.

Oromoon bashannanaaf darbees, gaddaafi gammachuusaa ibsachuuf ni geerara. Oromoon kamiyyuu sagaleesaa geerarsa shaakalsifachuuf geeraruu ni danda’a. Akka aadaan geerarsa Oromoo qajeelchutti bakka namoonni walitti qabamanitti, bakka cidhaattiis ta’e, of danda’ee ayyaana dhaabbatee geeraruuf mirga geeraru idillaa’ee kan qabu nama hojii gootummaa hawaasa keessatti hojjete qofadha. Hojii gootummaa kan jedhamuus leenca, arba, gafarsaafi bineensoota kaan ajjeessuun dibatee abbaafi haadhasaa akkasumas, sanyiisaa kan maqaa waamsisu iddoo namoonni walitti qabamanitti akka geeraruu ni eyyamamaaf.

Ajjeesaan kabaja guddaa qaba. Dubartoonnifi shamarran yeroo inni geeraru ililleen simatu, dhadhaa baqsaa dibuu. Bakka waamichaattis dursa geeraruutu kennamaaf; bakka namoonni walitti qabamanii jiranitti geeraree of yaadachiisa. Ayyaanni ajjeesaa qomoon isaa kan itti isa faarsaniifi jajan ta’e ayyaanotarraa adda ba’ee beekamaaf. Yeroon turtii ajjeesaan tokko dibatee turu akaakuu waan ajjeese irratti hundaa’uun daangaa qaba. Kan leencaafi gafarsa ajjeese waggaa tokkoof dibatee isa booda mataa balleesse. Arba kan ajjeese waggaa sadii booda mataa balleessa. Rifeensi ajjeesaa deebi’ee biqilee akka mataa namoota kanneen biroo erga ta’ee booda akaakuu mirgi ajjeesaa ittiin beekamu shan yoo ajjeese mirga ilkee guttate shan ajjeese “shanfixaa” jechuun maqaa moggaasuu. Namni kunis hamma umriisaa guutuu mirga dibachuu ni qaba.

Ajjeesaan dhaadhaa baqsaa dibachuun ofirra yaasaa cululuqaa deemuun beekama; hawaasni hundis kabaja ni kennaaf. Goota waan ta’eef tilmaama biyya bulchuutu itti kennamuun toora namoota gurguddoo keessatti ilaalama.

Aadaan boonsaa kun kan agarsiisu Oromoon gootummaaf iddoo guddaa kennuurra darbee bakka goota itti oomishu duudhaa aadaa achii dhufteesaa keessaa akka qabu agarsiisa.

Haata’u malee, haala qabatamaa jaarraa keessa jirru kanaan walqabsiifnee yoo ilaallu, bineesota bosonaa madda galii biyyaa ta’an ajjeesuun dibatanii goota jedhamuu mitii bosona isaan keessa jiraatan ciruun iyyuu yakka nama adabsiisudha. Ta’us, wanti nama ajaa’ibsiisu garuu goota misoomaaf aadaan Oromoo mirga geeraruu kennuunsaa Oromoon misoomaaf ilaalcha guddaa qabaachuusaa agarsiisa.

Walumaa galatti, Oromoon dur ajjeesee mirga kan qabuufi ajjeesuun kan hinmilkoofneef akkamittifi maal jedhee geeraraa akka ture akka akaakuusaatti geerarsa gaggabaabaa armaan gaditti dhihaateera.

Geerarsa Ajjeesaan Gafarsaa(abbaa mirgaa) geeraru

Gurraalee yaa gurraale, gurraalee goda Baaroo,

Gurraan qabannaan hinobsuu,

Namni akka koo waa yaade mataa qaqqabuun hinobsu,Namni dhukaasee bare qaataa qaqabuu hinobsu.

Gadi ilaallaan Baariidha, Baarii biyya leencaati,

Ol ilaallaan aariidha, aarii biyya keenyaati,

Bishaan baargamatti baargelloo gamanatti.

Kokoriin tarkaanfadhe boorarra bargaanfadhe,

Tubbaadhaan dalaandalee shukkaadh-

aan gamaddale.

Tubbaa afaan waraqataa sagalee barakataa,

Dib godhee lafaan dha’e akka ba’aa qalqalaa

Bira naanna’een sirbe akka gaafa masqalaa.

Ishoooo….ilili…(warra jalaa qabu)

Geerarsa ajjeesaan Arbaa geeraru

Arba yaa guddicha koo guddicha irree jirmaa,

Gowwaa gurra weedaraa hallaallessee dheekkama.

Shimala garaa mure hundee lafaattan dhiisee,

Arba ganna duchiisee lubbuu Waaqattan dhiise.

Arba yaabaa dheeressaa guddicha baqqoo keessaa,

Arbi tokkicha hinqabu bu’ee malkaa booressa.

Arbi yoom qoosaa ta’e dhugaa bishaan bariidhaa,

Dutaa funyaan gaaniidhaa ilki isaa dagaagaadha.

Lootii yaa lootii gurra jala oltuukoo,

Lubbuu yaa mi’ooftuukoo morma jala oltuukoo.

Sanyiin koo yaa’ee sirbee abbaa koo garaa ciibsee,

Durbeen yaatee sirbitee haadha koo garaa ciibsee.

Yammuun arba arge kumbiifi gurra isaa arge,

Baqaaf garagalee gurra abbaa koo safaree arba dha’ee kuffise,

Maqaa abbaa koo mul’ise

Adeemanii sussukkuu miilla abbaan barsiifatee hinbarsiifne miillaa koo,

Biraga’anii dheessuu garaa abbaan barsiifate hinbarsiisu garaa koo.

Yoon darbadhee dhabe nancaccabsa eeboo koo tumaa qawwee,

Yoon arbarraa seesse nanbaqaqsa garaa koo isa mame.

Arba yaabaa dheeressaa gurra ajjeesaa dheeressaa,

Namni kumbii isaa ilaale bishaan okkoteetti hindhuguu,

Namni mataa isaa ilaale midhaan gombisaa hinnyaatu,

Namni dugda isaa ilaale tulluutti hinirreeffatu,

Namnik ilka isaa ilaale falaxaa hinbobeeffatu.

Nama arbatti mixiire lootiin gurra mixiire,

Ajjeesan mucaa ta’u, mucaa maanula ta’u hundatu dhungata,

Yoo dhaban budaa ta’u, budaa furgummaa ta’u hundumatu tuffata.

Kanaafan itti muree faachoo isaa irraa mure.

Arba yaa guddicha koo guddicha irree jirmaa gowwaa, weedaraa kan miilli Moonyee tumaa,

Arbi tokkichan qabu lixe malkaa booressaa,

Namni arba tokkicha qabu gale lammii midhagsa

Cookaa Boorrii kabaa hinraasu hinrigata(2)

Si wayya yabooraa kan kabaa hinraafne kan rigattu(2 Gooti dhadhaa hinnyaatu hindibata(2)Siwayya yagootaa kan dhadhaa hinnyaanne kan dibattu

Koori amallee(2)

Geerarsa warri hinajjeesin geeraran

Sa’a guddaa horanii bora dhabuun farra,

Nama guddaa horanii qondaala dhab-

uun farra.

Garaachi garaaf malee homaa hingoone

qoonqoof

Dabeessi haadhaf malee homaa hingoo-

ne lammiif

(2 Ishooooooo…….

Geerarsa hiyyeessi geeraru

Deegaan hinqotatuuree maarasha-

atu awwaajee

Gindiitu seera tumeree?

Dhabaan hingeeraruuree mootiitu

seera tumeeree?

Yoon geerare maal qabaa sanyiif

calliyan qabaa.

Garaakootu aarii qabaa lammii kootu

booree qaba.

Ajjeesee mataa hinqabuu ajjeesuuf garaa

hinqabu,

Utuu hinajjeesin yaa Waaqi na hinajjeesin

(2) Ishooo….

*********

* Originally published on Bariisa, titled “Aadaa Geerarsa Wallaggaa

Abdulbasit Abdusemed

more recommended stories