Ijaarsi manneen waliinii 40/60 saayiitii Booleetti manneen kuma 6 fi 500 ijaarun jalqabame

Ijaarsi manneen waliinii 40/60 saayiitii Booleetti manneen kuma 6 fi 500 ijaarun jalqabame. Manneen waliinii 40/60 kun abbaa darbii 7,9 fi 12 qabu saayiitoota Sangaa Tara, Kiraawun, Askoo, Daldalaa Miidhaanii fi Boolee Bulbulaatti ijaarsi isaa saffisaa akka jiru ibsame. Ijaarsi piroojektoota manneen waliinii kun Kontiraaktaroota sadarkaa dura fi giddugaleessa 45 fi gorsitoota 6’n kan hordofama jiru yoo ta’u ijaarsi isaa yeroo amma harka 42 hanga 42 oliin xummurame jiraachuu ibsame. Sangaa taratti kan ijaarama jiru manneen waliin jireenya abbaa darbii 12 qabu 5 ijaarsi isaanii harka 45 niin xummurame. Haala wal fakkaatun Boolee Bulbulaatti Bilookii 28 manneen kuma 2 fi 140 ijaaruuf hojiin isaa eegale jiraachuu ibsame.

*****
*Oromia TV – Dhrtvo 22/07/2006

Yinebeb Nigatu Yinebeb Nigatu

more recommended stories